Finfinnee, Qaammee 4, 2018 (FMC) – Qaammeen 4, guyyaan daneessummaa sosochii Ispoortii fi dhimmoota hawaasummaa garaagaraan kabajamaa jira.Qaammee 4 guyyaan daneessummaa Magaalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti sosochii Ispoortii, qorannoo yaalaa bilisaafi Arjooma dhiigaatiin kabajamaa jira.Sosochiin Ispoortii jabina qaamaa gabbisuurra darbee hariiroo hawaasummaa cimsuun nageenya waaraa fi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu saganticharratti kan hirmaatan Ministeerri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan ibsaniiru.Ministeerichi waqtii gannaa hojii tajaajila Lammummaan Qorannoo yaala bilisaa lammiilee miiliyoona 45’f guutuu biyyatti argamaniif kennuu eeran.Qaammee 4, Guyyaa daneessummaa sababeeffachuun namoota kuma 200’f qorannoon yaala bilisaa kan kennamu ta’uus dubbatan.Sosochii ispoortii kana irratti hoggantoonni, kutaaleen hawaasaa garaagaraa, dargaggoonnii fi maanguddoonni hirmaataniiru.Kunis tumsa waloo fi ijaarsa biyyaaf faayidaa qabaachuu ibsame.Guyyaan daneessummaa kun buchiinsa magaalaa Shaggar, Dirre Dhawaa fi kutaalee biyyattii garaagaraatti sosochii Ispoortii fi dhimmoota hawaasummaa biroon kabajamaa jira.#Oromia #Ethiopia