Hariiroo Itiyoophiyaafi Turkiyyee gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf Paartiin Badhaadhinaa Kutannoon hojjeta- Obbo Adam Faaraah

Wait 5 sec.

Finfinnee, Qaammee 2, 2018 (FMC)- Hariiroo Itiyoophiyaafi Turkiyyee gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf Paartiin Badhaadhinaa Kutannoon hojjeta jedhan Sadarkaa Ministira Muummee Ittaanaatti Itti gaafatamaan Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimokiraasiifi Ittaanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah.Obbo Adam Faaraah waltajjii marii paartilee siyaasaa Kooriyaa Kibbaatti gaggeeffamaa jiru cinaatti Pireezidaantii Ittaanaa Paartii Haqaafi Misoomaa Turkiyyee Zaafeer Siiraakaayaa waliin dhimmoota gamlameerratti mari’ataniiru.Obbo Adam Faaraah wayita kana akka jedhanitti, hariiroo paartilee cimsuun hariiroo biyyootaa guddisuuf faayidaa olaanaa waan qabuuf Paartiin Badhaadhinaa xiyyeeffannoon irratti hojjeta.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Pireezidaantiin Turkiyyee Raajib Xaayib Eerdoogaan irra deddeebiin wal arguun hariiroo biyyoota lameenii guddisuuf qooda olaanaa qabaachuu kaasanii, waliigalteewwan gamlamee mallattaa’an galmaan gahuuf tattaaffiin walitti fufiinsa qabu ni taasifama jedhan.Waliigalteen paartilee lameen gidduutti bara faranjootaa 2025 mallattaa’e hojiirra akka ooluuf waltajjiiwwan waloo gaggeessuurra darbee qaamni raawwii isaa hordofu kan ramadamu ta’uu eeraniiru.Turkiyyeen Finfinneetti Embaasii erga bantee jaarraa tokko guutuu yaadachiisanii, hariiroo kana sadarkaa olaanaarraan gahuufi gara faayidaa diinagdee, hawaasummaafi dippiloomaasiitti jijjiiruuf Paartiin Badhaadhinaa Kutannoon akka hojjetu mirkaneessaniiru.