Qaammee 5: Guyyaa Egeree

Wait 5 sec.

Itiyoophiyaan egeree dhalootaa bu’uura cimaarra dhaabuuf jijjiirama teknooloojiifi dijitaalaa gara carraa guddinaa, oomishtummaa fi of danda’uutti jijjiiruuf imalli taasisaa jirtu milkaa’aa jira.Jijjiiramni tajaajila mootummaa gara dijitaalaatti ceesisuu, tajaajila saffisaa fi iftoomina qabu diriirsuu, akkasumas dandeettii dhaloota haaraa cimsuu keessatti mul’achaa jiru milkaa’insa imala badhaadhina biyya keenyaa saffisiisaa jira.Tajaajila dijitaalaa fi kenna tajaajilaa iddoo tokkoo babal’isuun, fageenya mootummaa fi uummata gidduu ture hir’isuu, yeroofi baasii qusachuuf, akkasumas tajaajila saffisaa, iftoominaa fi ga’umsa qabu mirkaneessuu keessatti qooda guddaa taphateera.Kenni tajaajila wiirtuu tokkoo kabaja uummataa kan olkaasu, carraa teeknooloojiitti fayyadamuu babal’isuufi walqixxummaa lammiilee mirkaneessuu keessattis qooda guddaa kan qabu yoo ta’u, kunis mul’ata mootummaan, mootummaa dijitaalaa, diinagdee dijitaalaafi tajaajila ammayyaa ijaaruuf qabate dhugoomsaa jira.Gama biraan Birmadummaan saayibarii bu’uura birmadummaa dijitaalaa yoo ta’u, Biyyi odeeffannoo, daataafi sirna dijitaalaa ishee ofiin eeggachuu dandeessu, nageenya ishee qofa osoo hin taane, diinagdee jabaa ijaaruufi Mootummaa cimaa Addunyaarratti dhageettii cimaa qabu ijaaruu dandeessi.Kanaaf, dandeettii biyya keessaa guddisuu, ogeeyyii teeknooloojii horachuu, sirnoota dijitaalaa amansiisoo ijaaruufi nageenya saayibarii cimsuun, imala Itiyoophiyaan gara waan hundaan of danda’uutti taasisaa jirtu milkeessuuf ga’ee guddaa qaba.Kana malees Itiyoo-Koodarsii fi sagantaaleen dandeettii dijitaalaa dhaloota haaraa guddisan, humna namaa gara humna oomishaatti jijjiiruuf carraa guddaa uumuu kan danda’u yoo ta’u, Dargaggoonni teeknoollojii fayyadamuun rakkoo furuufi kalaqa dijitaalaa uumuu barachuun, hojii barbaaduu irraa gara hojii uumuufi furmaata biyyaaf maddisiisuutti ce’uuf karaa kan banuudha.Kunis karoora diinagdee dijitaalaafi hojii uumuu irratti xiyyeeffatuuf bu’uura jabaa ta’eera.Naannoon Oromiyaas karoora akka biyyaatti qabamee hojjetamaa jiru kana adda dureen milkeessuu keessatti qooda guddaa bahachaa kan jiru yoo ta’u, Qaammee 5/2018 “Guyyaa Egeree” jedhamee kan kabajamu waamicha gara hojii kalaqaafi of danda’uutti taasifamudha.Kanaaf, tajaajila dijitaalaa cimsuu, birmadummaa saayibarii mirkaneessuu, Mootummaa ammayyaa ijaaruu, dhaloota ga’umsa qabu horachuu, Itiyoophiyaa gama hundaan of dandeesse, kalaqaan dorgomtuu taateefi egeree ishee ofiin ijaartu uumuuf hojjechuu qabna BKO .