Pirimeer Liigii Ingilaandin har’a taphoonni 7 ni taphatamu

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 2, 2019 (FMC)- Sagantaa Taphoota Pirimeer liigii Ingilaandi torbee 4ffaan har’a taphoonni 7 ni taphatamu.Haaluma kanaan galgala Sa’aatii 4:00 irratti Arseenaal dirree isaan ala imaluun Sandarlaandi waliin ni taphata.Liigichaan hanga ammatti taphoota hunda kan ijifate Arseenaal har’as injifannoo dabalataaf dirree seena.Sandarlaandis injifannootti deebi’uuf ni falmataan eegama.Sa’aatii 11:00 irratti immoo Cheelsiin dirree isaa Istaamfoorditti Biriij Hiil Siitii ni keessummeessa.Haaluma walfakkaatuun Sa’aatii 11:00 irratti Liveerpuul dirree isaa irratti Fuulhaam waliin taphata.Tapha Torbee 3ffaarratti injifannoo isaa jalqabaa kan galmeesse Liveerpuul injifannoo isaa itti fufsisuuf morkiin taasisu ni eegama.Fuulhaam gamasaatiin injifannoo isaa jalqabaa milkeessuuf dirree seena.Boornimaawuuz Bireentifoordi waliin, Astoon Viilaan Nootingihaam Fooreest waliin, akkasumas Kiristaal Paalaas Ipiswiich Taawuun waliin sa’aatuma walfakkaatu kanatti ni taphatu.Galgala Sa’aatii 1:00 irratti Tootinhaam Hotispaar Eevertan walii ni taphata.#Oromia #Ethiopia