Finfinnee, Fulbaana 2, 2019 (FMC) – Dameewwan fooyya’iinsa dinagdee biyya keessaa bocamanii hojiirra oolan, guddina hunda galeessaa Itiyoophiyaaf gumaacha olaanaa fidaa akka jiran ogeessi dinagdee Obbo Zamadeenah Nigaatuu dubbatan.Obbo Zamadeenah Nigaatuu akka jedhanitti, Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa odeeffannoo yeroo dhiyoo baaseen, Itiyoophiyaan biyyoota muraasa addunyaa irratti guddina dinagdee saffisaa galmeessisan keessaa tokko taateetti.Kunis fooyya’iinsawwan caasaa dinagdee biyyattii keessatti hojiirra oolanii fi tarsiimoo misoomaa yeroo dheeraa biyyattiin hordofaa jirtuun kan madde ta’uu ibsaniiru.Dameewwan fooyya’iinsi dinagdee biyya keessaa hojiirra ittiin oole oomisha, qonnaa, turizimii, albuudaa fi teeknooloojii keessatti bu’aawwan galmaa’an kan nama jajjabeessan ta’uu eeraniiru.Keessumaa damee albuudaa keessatti, bara baajetaa xumurame keessa al-ergii warqee qofa irraa doolaara biiliyoona 5.7 argachuun galii seena qabeessa galmaa’e ta’uu ibsanii, sochiin “Itiyoophiyaan ni oomishti” jedhu indaastiriin oomishaa guddina olaanaa akka fiduuf gumaacha taasisaa jiraachuu ibsaniiru.Obbo Zamadeenah Nigaatuu damee qonnaanis sirna qonnaa aadaa irraa gara qonnaa mekaanayizeeshiniin gaggeeffamuutti ce’uun oomishaalee gabaa alaa irratti dhiyeessuun danda’amuuf marsaan haaraan banamuu himaniiru.Dameewwan teeknooloojii, turizimii fi tajaajilaa keessattis milkaa’insoonni tarsiimawaa galmaa’an guddina dinagdee waliigalaa Itiyoophiyaa saffisaa fi itti fufaa akka taasisan dubbatan.Damee faayinaansii keessattis Baankii Daldala Itiyoophiyaa dabalatee baankonni dhuunfaa biroon bu’aa seenaa keessatti hin mul’anne galmeessisuu isaanii, sochiin dinagdee olaanaan biyyattii keessatti jiraachuu kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.Itiyoophiyaan bu’uura guddina dinagdee ishee cimsuu keessatti Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa dabalatee pirojektiiwwan bu’uuraalee misoomaa fi gaazii hedduu jalqabuu fi xumuruun ishee dinagdee irratti sochii olaanaa uumuu eeraniiru.Fakkeenyaaf, dandeettiin humna elektirikii maddisiisuu biyyattii meggaawaatii 5,000 irraa gara naannoo meggaawaatii 10,000tti dachaan guddisuun danda’amuu kaasaniiru.Dabalataanis, invastaroonni dhuunfaa Itiyoophiyaa daangaa biyya keessaa darbuun biyyoota alaa keessatti invastimantii akka godhaniif haalli mijataan uumamuu eeraniiru.Dameen dhuunfaa biyya keessaa dandeettii isaa cimsatee itti fufuun, naannoo fi sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa cimaa akka ta’uuf dhaabbilee gurguddoo uumuun akka isa irraa eegamus hubachiisaniiru.#Oromia #Ethiopia