Finfinnee, Qaammee 3, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan qormaatilee cichoominaan ce’uun injifannoowwan boonsaa galmeessisaa jirti jedhan Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar.Dhaabbileen nageenyaafi tasgabbii Guyyaa Cichoominaa mata duree “ Cichoomina Olka’iinsa Itiyoophiyaaf” jedhuun Yaadannoo Injifannoo Adwaatti sagantaalee garaagaraan kabajaa jiru.Obbo Aganyahu Tashaagar wayita kana, tattaaffiin dippiloomaasii abbummaa ulaa galaanaa mirkaneessuuf eegalame imala cichoominaa Itiyoophiyaa kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.Filannoon Waliigalaa 7ffaan milkaa’inaan gaggeeffamuu yaadachiisanii, Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaafi adeemsi marii biyyaalessaa milkaa’inaan xumuramuun agarsiistuuwwan cichoomina Itiyoophiyaanotaa ta’uus eeraniiru.Humnoonni alaafi keessoo imalli guddinaafi badhaadhinaa biyyaalessaa kun akka hin milkoofne barbaadan jiraachuu kan ibsan obbo Aganyahu Tashaagar, sosochiiwwan akka kanaa qolachuuf tokkummaa biyyaalessaa cimaafi waliigalteefi walitti hidhamiinsa biyyaalessaa uumuun murteessaa akka ta’e hubachiisaniiru.Dhaloonni ammaa biyya abbootiin wareegama guddaa kaffalanii tursiisan dhaloota egereetti dabarsuuf itti gaafatamummaa guddaa qabaachuu ibsuusaanii ENA gabaaseera.