Finfinnee, Qaammee 3, 2018 (FMC) – Taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara kanaa har’a eegaluun morkiin Riyaal Maadriid Intermiilaan waliin taasisu ni eegama.Har’a taphoonni 6 kan taphataman yoo ta’uu halkan sa’aatii 4:00 jalqabee falmiin Riyaal Maadriid Intermiilaan waliin Istaadiyeemii Saantiiyaagoo Barnaabootti taasisu xiyyeeffannoo argateera.Riyaal Maadriid shaampiyoonaa waltajjichaa yeroo 15 yoo ta’u, Intermiilaan ammoo yeroo 3 shaampiyoonaa ta’eera.Kilaboonni lamaan taphoota kana duran waliin taphatan 19 keessaa Riyaal Maadriid yeroo 10 injifachuun olaantummaa qaba.Intermiilaan ammoo si’a 7 injifachuun taphoota 2 qabxii qooddataniiru.Sa’aatuma walfakkaatuutti Maanchiister Siitiin gara Poorchugaalitti imaluun Poortoo waliin morkata.Siitiin yeroo 1, Poortoon ammoo yeroo 2 shaampiyoonaa waltajjicha ta’aniiru.Taphoota biroon galgala sa’aatii 1:45 eegalee Kilab Biruuji – Astoon Viilaa, akkasuma AEK – LASK waliin taphatu.Halkan sa’aatii 4:00 jalqabee Birooshiyaa Doortimandi – Viiyaariyaal, Liil – Riyaal Beetis waliin morkatu.#Oromia #Ethiopia