Abaaboo kennaa baatii Fulbaanaa!

Wait 5 sec.

Barri moofaan xumuramee barri haaraan yemmuu dhufu uumamni, biqiloonni fi haalli qilleensaa amala haaraa horatu.Bacaqiin gannaa qooree dachiin abaaboo, ilillii fi biqiltuu lalisaaniin uwwifamti.Abaaboon/Daraaraan ibsituu Birraati.Mallattoo carraa gaarii, abdii fi eebbati.Ayyaanni bara haaraa uummata Itiyoophiyaaf taatee guyyaa tokkoo qofa miti, bu’uura hariiroo hawaasummaatis.Kan walitti mufatee ture yaadaa isaa jijjiirratee araaraafi dhiifamaaf harka walfuudha.Ayyaana bara Haaraatti maatiin walitti dhufu, firoonni fi hiriyoonni akkasumas ollaan mana walii deemuun nyaataafi dhugaatii qophaa’u waliin dhandhamu; gammachuu qooddatu.Abdiifi gammachuu bari’uu birraatti, galata Uumaafi umamaaf qaban shamarran shinooyyeedhaan, foollen immoo goobeedhaan ibsatu.Abaaboon/ililliin birraa halluun isaanii qalbii namaa hawwatan fooliin isaan nama booji’an faaya Itiyoophiyaa ta’u.Abaaboon kun ibsituu birraa fi mallattoo baatii Fulbaanaatii.Abaaboon Birraa kun Itiyoophiyaa qofatti kan argamu waan ta’eef mallattoo fi ibsituu Itiyoophiyaati.Waqtiin roobaa xumuramuu hordofee, jalqaba waqtii birraa kan agarsiisu; akkasumas walitti dhufeenya miiraa cimaa fi waggaan haaraan jalqabamuu isaa labsa.Abaaboon Birraa calaqqee abdii, misoomaa, qananii, quufaa, jaalalaa fi nageenyaati.Bara haaraa Gaarii!#Oromia #Ethiopia