Finfinnee, Qaammee 3, 2018 (FMC)- Pireezidaantiin RDFI Taayyee Atsiqasillaaseen abbootiin qabeenyaa Kaataar hojiilee invastimantii Itiyoophiyaa irratti akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen Yaa’ii Invastimantii Idil-addunyaa Eemireetota Araba Gamtoomanii Dubaayitti gaggeeffamaa jiru cinaatti miseensa boordii Chaamberii Kaataar Alii Biin Abdullaatiif Al Miisnaad waliin mari’ataniiru.Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen wayita kana, mootummaan Itiyoophiyaa abbootii qabeenyaa biyyoota alaa hawwachuufi naannawaa invastimantii mijataa uumuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.Abbootiin qabeenyaa Kaataar filmaatawwan invastimantii Itiyoophiyaa keessatti akka hirmaataniifi hariiroo akka cimsan waamicha dhiyeessaniiru.Alii Biin Abdullaatiif Al Miisnaad gamasaaniin, abbootiin qabeenyaa Kaataar dameewwan qonnaa, fayyaa, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa keessumaa ijaarsa manneeniifi misooma diijitaalaa irratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu ibsuusaanii ENA’n gabaaseera.Abbootiin qabeenyaa Kaataar naannawaa invastimantii mijataa Itiyoophiyaan qabdutti akka fayyadamaniifi hariiroo daldalaafi invastimantii biyyoota lameenii cimsuuf kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.