Sirreeffamtoonni seeraa 600 gadi lakkifamuun maatii isaaniitti makaman

Wait 5 sec.

Finfinnee, Qaammee 5, 2018 (FMC) – Obbo Kiristiyaan Taaddalaa dabalatee sirreeffamtoonni seeraa 600 gadhiifamanii maatii isaaniitti makamaniiru.Adeemsi sirreeffamtoota seeraa gadi lakkisuu kun kaka’umsa mootummaa fi tumsa dhaabbilee adda addaatiin kan raawwatame yoo ta’u, tarkaanfii haqaa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf kutannoo mootummaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu qaban kan agarsiisu ta’uun ibsameera.Komishinarri Olaanaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa, Birhaanuu Addeeloo ibsa kennaniin, komishinichi adeemsi hidhamtoota gadhiisuu kun bu’a qabeessa akka ta’uuf ji’oota shanan darban keessa hojjechaa turuu ibsaniiru.Hidhamtoonni kunneen adeemsawwan seeraa adda addaatiin mana sirreessaa turuu eeruun, gaaffiin isaanii akka gadhiifamaniif Komiishinichaaf erga dhiyaatee booda, mootummaa waliin mari’achuun adeemsa furmaataa hojii irra oolchuuf hojii bal’aan hojjetamuu ibsaniiru.Kaka’umsi Mootummaan dhimma kana irratti agarsiise, adeemsi kun qabatamaan bu’aa akka fiduuf gahee ijoo qabaachuu eeranii, kunis dhimmawwan haqaa adeemsa seera qabeessaatiin keessummeessuu bira darbee, nageenyaa fi waliigaltee biyyaalessaaf kutannoo mootummaan qabu kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru.Adeemsa kana keessatti naannoleen gahee isaanii ba’achuus eeruuniiru.Sirreeffamtoota kanneen gadi gadhiifamuun, nageenyii fi waliigalteen biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti fooyya’aa dhufuu adeemsa qabatamaan argisiisu ta’uu Komishinarichi dubbataniiru.Adeemsi kun seenaa Itiyoophiyaa keessatti boqonnaa addaa galmeessisu ta’uu eeruun, kallattii haaraa seeraa kabajuu, mirga dhuunfaa namootaa eeguu fi nageenya waaraa cimsuu irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.Kunis mariin biyyaalessaa boqonnaa haaraa irra ga’aa jiraachuu kan agarsiisu ta’uu ibsanii, keessumaa garaagarummaa marii fi waliigalteen furuuf tattaaffiin taasifamaa jiru jecha irraa gara hojii qabatamaatti ce’uu isaa kan mul’isu ta’uu dubbataniiru.Mariin biyyaalessaa, garaagarummaa biyya keessa jiru karaa nagaatiin furuuf dirree marii kan uumee, bu’aawwan waliigaltee qabatamaan cimee dhufaa jiraachuu akka agarsiisuus eeraniiru.Gizachoo Girmaayeetu gabaase#Oromia #Ethiopia