Warra humna hin qabne gargaaruun abdii ta’uufii qabna – Obbo Aqanyihoo Tashagar

Wait 5 sec.

Finfinnee, Qaammee 4, 2018 (FMC) – Hawaasummaa keessatti warra humna hin qabne gargaaruun, abdii ta’uufii qabna jedhan Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar.Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar, bara haaraa 2019 sababeeffachuun hojjettoota waajjira Mana Maree Federeeshinii galii gadi aanaa qabanif deeggarsa kennaniiru.Obbo Aganyahu wayitimaa kana, deeggarsa gochuun itti gaafatamummaa dhuunfaa, dhaabbataa fi biyyaalessaa ta’uu hubachiisuun, namni tokko isa kaaniif tumsa isaa hojiidhaan agarsiisuu qaba jedhaniiru.Deeggarsi hojjettoota Mana Maree Federeeshiniif kenname, dhaabbatichi hirmaannaa hawaasummaa keessatti namoota galii gadi aanaa qabanii fi warra humna hin qabne gargaaruun, abdii ta’uufii akka qabu agarsiisuuf kan kenname ta’uu ibsaniiru.Namni deeggarsa kennu nama dandeettii fi qabeenya qabu qofa akka hin taane kan eeran Afyaa’ichi, hawaasni waan qabu irraa hir’isee warra humna hin qabne gargaaruu akka qabu hubachiisaniiru.Bara haaraa dhufaa jiru kanatti ayyaanota kabajamaniin aadaa wal-gargaarsaa fi wal-deeggarsaa cimsuun, warra humna hin qabne gargaaruu fi walitti dhufeenya hawaasummaa jabeessuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.Barri haaraan dhufus bara nagaa, misoomaa fi badhaadhinaa akka ta’u hawwii qaban dabarsuu isaanii odeeffannoon Mana Maree Federeeshinii irraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia