Yaa’ii BRICS cinaatti MM Abiy har’a Pirezidaantii Iraan Masuud Pezeeshkiyaan waliin marii gaggeesseera jechuun fuula Feesbukiisaa irratti maxxanse.Abiy akka hogganaan Itoophiyaa jedhutti, mariin isaanii haala Galaana Diimaa fi nageenya bal’aa naannichaa, akkasumas barbaachisummaa marii fi tasgabbii naannoo irratti xiyyeeffate.