Finfinnee, Fulbaana 2, 2019 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Iraan Maasi’uud Peezeeshiikiyaan waliin mari’ataniiru.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, hammattoo waltajjii maatii BRICS keessatti Pireezidaantii Iraan Maasi’uud Peezeeshiikiyaan waliin mari’aneerra jedhan.Mariiwwan yaa’ichaan cinatti gaggeessinu, haala waaktawaa ulaa galaana diimmaarra jiru fi dhimmoota waliigalaa nageenya naannawicharratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, barbaachisummaan marichaas tasgabbiin naannawichaa akka dhugoomuu taasisuuf dhimmoota dandeessisanirratti ta’uu ibsaniiru.