Itiyoophiyaan Afrikaa keessaa michuu ijoo Raashiyaa ti – Pirezidaanti Putiin

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 2, 2019 (FMC) — Itiyoophiyaan Afrikaa keessa michuu ijoo fi amanamaa Raashiyaa ti jedhan Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, yaa’ii hooggantoota BRICS+ 18ffaa gaggeeffamaa jiru cinatti Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin mari’ataniiru.Pirezidaanti Putiin yeroo kanatti, Itiyoophiyaan Ardii Afrikaa keessatti michuu amanamaa Raashiyaa kan yeroo dheeraa ta’uu ibsaniiru.Raashiyaan hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu xiyyeeffannoo olaanaan kan ilaaltu ta’uu fi hariiroon biyyoota lamaanii walqixxummaa fi faayidaa waloo irratti kan hundaa’e ta’uu dubbatan.Pirezidaanti Putiin, Itiyoophiyaan Amajjii 2024 irraa eegalee miseensa guutuu BRICS+ ta’uu yaadachiisuun, biyyattiin caasaa BRICS+ keessatti gumaacha gaarii taasisaa jiraachuu cimsanii ibsaniiru.Dabalataanis, Pirezidaanti Putiin bara haaraa 2019 sababeeffachuun ummataa fi mootummaa Itiyoophiyaaf ergaa baga geessanii dabarsaniiru.Hooggantoonni lamaan, dhimmoota Itiyoophiyaa fi Raashiyaa gidduutti hariiroo tarsiimawaa jiru caalaatti cimsuuf dandeessisan irratti marii bu’a qabeessa gaggeessaniiru. #Oromia #Ethiopia