Agarsiisa dirooniwwan kuma 3 ol hirmaachise…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 1, 2019 (FMC) – Finfinneen jala bultii bara haaraan agarsiisa diroonii fi richiitiin miidhagdee bulte.Agarsiisni Diroonii jala bultii Ayyaana Bara Haaraa 2019 diroowwan kuma 3 ol hirmaachisuun dhiyaate samii Finfinneerratti seenaa, misoomaa fi daandii abdii biyyattii kan agarsiisudha.Agarsiifni seenaa afrikaa keessatti kan jalqabaati jedhame kun jula bultii bara haaraa miidhagsuurra darbee hiikoo guddaa kan qabuudha.Itiyoophiyaan damee teeknooloojii ammayyaa fi kalaqaa keessatti guddina saffisaa agarsiisaa jiraachuu kan mul’isu yoo ta’u, dirooniiwwan qilleensa keessa balali’uun ergaa biyyaalessaa garaagaraa haala nama hawwatuun agarsiisaniiru.Agarsiifni teeknooloojii aviyeeshinii kun Itiyoophiyaan teeknooloojii bu’uura godhachuun badhaadhinaa fi imala birmadummaa ishee cimsachaa jiraachuu agarsiistudha.Agarsiisa qalbii daawwattoota akkaan hawwate, Afrikaa sadarkaa idil-addunyaatti xiyyeeffannoo olaanaa argate ta’eera.Agarsiifni jula bultii bara haaraan gaggeeffame kun galmee seenaa keessatti boqonnaa haaraa ardii Afrikaa ta’uu ibsame.Taatee seenaa Itiyoophiyaan damee teeknooloojii siiviilii fi dijitaalaan Afrikaa keessatti dandeettii cimaa fi abdii guddaa akka qabdu addunyaaf labse ta’uun galmaa’eera.Abrahaam Abarraatiin#Oromia #Ethiopia