Fooyya’iinsi Sirna barnootaa barattoota dorgomaa ta’an horachuuf bu’uura kaa’eera – Piroofeesar Birhaanuu Naggaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 2, 2019 (FMC) – Fooyya’iinsi sirna barnootaa barattoota dorgomaa ta’an horachuuf bu’uura sirrii kaa’uu danda’eera jechuun Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa ibsan.Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa akka jedhanitti, mootummaan lammiilee guutuu ta’an horachuu, safartuuwwan naamusaa fi beekumsaa cimsuu, akkasumas kenninsa barnootaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojiiwwan fooyya’insaa bal’aa hojjeteera.Qormaati kutaa 12ffaa dhaabbilee barnootaa olaanoo mootummaa keessatti kennuun haala qabatamaa kenninsa barnootaa akka mul’isuu danda’e ta’uu ibsanii, bara barnootaa 2018tti baay’inni barattoota qormaata kana darbanii % 12.8 ga’uu himaniiru.Barattoota dandeettii addaa qabaniif deeggarsaa fi hordoffii addaa ta’een barsiisuun guddina biyyaaf gahee isaanii akka bahatan taasisuuf xiyyeeffannaan kennameera jedhan. Bara barnootaa 2018 keessa manneen barnootaa bultii addaa Boongaa, Jigjigaa, Gaambeellaa, Walisoo fi Bu’ii keessatti barattoota simachuun barsiisuun eegalamuu eeraniiru.Akkasumas, bara barnootaa 2019 keessa lakkoofsa manneen barnootaa bultii addaa gara sagaliitti guddisuuf Arbaa Minci, Baahir Daar, Dirree Dhawaa fi Assoosaatti barattoota dorgomsiisuun simachuuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Sadarkaa biyyaalessaattis manneen barnootaa bultii addaa sadarkaa lammaffaa haaraan 13 ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru.Laaboraatooriiwwan kompiitaraa babal’isuun, kitaabota dijitaalaa fi bu’uuraalee misoomaa interneetii babal’isuun beekumsa fi dandeettii teeknooloojii barattootaa guddisuuf hojjetamuu ibsaniiru.Sosochii “Barnoota Dhalootaaf” keessatti hawaasa hirmaachisuun, waggoota sadan darban keessa qabeenya Birrii biliyoona 100 fi biliyoona 46tti dhiyaatu maallaqaa fi gosaan walitti qabuun danda’amuu eeranii, kanaanis manneen barnootaa haaraa kuma 14 ijaaramuu fi manneen barnootaa kumaatamaan lakkaa’aman barattootaaf mijataa ta’anii haaromfamuu dubbataniiru.Sagantaa nyaata barattootaatiin sadarkaa biyyaalessaatti barattoonni miliyoona 8.7tti dhiyaatan tajaajila nyaataa argachaa jiraachuu ibsaniiru.Dhaabbilee barnoota olaanoo gara ofiin of bulchuutti ceesisuuf tattaaffiin taasifamu cimee itti fufuu fi ramaddiin hooggantoota yunivarsiitiiwwaniis dorgommii, beekumsaa fi dandeettii irratti qofa kan hundaa’e, sirni iftoomina qabu diriirfamee hojiirra oolaa jiraachuu eeraniiru.Fooyya’iinsa sirna barnootaa taasifame keessatti barnoota naamusaa fi seenaa hammachiisuu, akkasumas gama fooyya’iinsa caasaaatiin, barattoota dorgomaa biyya dameewwan saayinsii, teeknooloojii, diinagdee fi siyaasaa keessatti gahumsaan hoogganuu danda’an horachuuf bu’uurri sirrii kaa’ameera jedhaniiru.