Darbii Maanchuuriyaan 199ffaa…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 3, 2019 (FMC) – Kilabootni magaalaa Maanchiister lamaan Maanchiister Yuunayitidiifi Maanchiister Siitiin morkiin har’a taasisan ni eegama.Taphoota darbii Piriimeer Liigichaa cimaa jedhaman keessaa tokko kan ta’e morkiin kun har’a galgala sa’aatii 12:30 eegalee taasifama.Kilaboonni masaanuu yeroo hundaa magaalaa Maanchiister lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 198 keessaa Yuunaayitiid yeroo 81 yoo injifatu, Siitiin si’a 62 injifachuun taphoota 55 ammoo qabxii qooddataniiru.Darbii Maanchuuriyaan kana irratti yeroo dhiyoo as Maanchiister Yuunaayitiid olaantummaa fudhachaa dhufeera.Taphoota as dhiyeenya waliin taphatan 4 keessaa lama injifachuun, 1 qabxii qooddateera.Tapha biroon waaree booda sa’aatii 10:00 jalqabee Koovantarii Siitiin Biraayitan waliin falmata.#Oromia #Ethiopia