Finfinnee, Qaammee 2, 2018 (FMC) – Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa, hafuura ofitti amanamummaa Itiyoophiyaanotaa cimsuu qofa osoo hin taane, imala diinagdee saffisiisuu fi Olka’iinsa Itiyoophiyaa qabatamaan addunyaatti kan argisiisee dha.Gaareeb Guubaa jalatti, Ebla 24, 2003 bu’uurri isaa kan kaa’ame Hidhi Haaromsaa Guddichi tiyoophiyaa, gargaarsa alaa tokko malee dandeettii ofii fayyadamuun, ogeeyyii injiinariingii Itiyoophiyaa fi hirmaannaa uummataatiin milkaa’inaan ijaarameera.Itiyoophiyaanonni qabsoo waggoota 14 guutuu dhiigaa fi dafqa isaaniin geggeessaniin, Abbayya diida buluu iraraa dachee argama isaa eebbaan guutuuf Qaammee 4, 2017 eebbifamee, humna elektirikii maddisiisuu jalqabeera.Itiyoophiyaan Abbayyaan hidhuu yoo jalqabdu, erga xumuramee boodas, Ijiptii fi michoonni ishee pirojektii kana gufachiisuuf danqaawwan baay’isuuf tattaafatanille, Itiyoophiyaan garuu injifattuu ta’uu ishee agarsiifteetti.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad hoggantoota biyyoota ollaa fi itti gaafatamtoota dhaabbilee naannawaa fi ardichaa waliin ta’uun hidhicha kan eebbisan yoo ta’u, guyyaa sana labsiwwan Guubaa labsaniiru.Xumuramuun ijaarsa Hidha Haaromsaa, Itiyoophiyaanonni pirojektoota gurguddoo dandeettii ofii isaaniitiin, gargaarsa alaa osoo hin eegin, karaa tumsa irratti hundaa’een ijaaruu akka danda’an addunyaaf agarsiiseera.Humna Haaromfamaa fi ijaarsa dinagdee magariisaa irratti ashaaraa isaa kana kaa’e hidhi haaromsaa biyyoota naannwichaa biroo karaa tumsa waloo bu’uureffateen annisaan walitti hidhuun guddina dinagdeef gumaacheera.Kunis “Humna danda’uu” Itiyoophiyaa kan agarsiise, ofitti amanamummaa waggoota dheeraaf ture kan cimse, akkasumas Itiyoophiyaan Afrikaaf fakkeenya ta’uu ishee irra deebiin kan mul’ise, bu’uura misoomaa murteessaa ta’uu bira darbee, mallattoo seenaas ta’eera.Imala ammayyummaafi misoomaa gara olka’iinsaatti kan geesse, akkasumas Olka’iinsa Itiyoophiyaa qabatamaan kan mul’isee dha.Kanaafuu, imala olka’iinsaa Itiyoophiyaan imalaa jirtu itti fufsiisuuf, lageen daangaa ce’an misoomsuun, akkasumas pirojektoota gurguddoo biroo jalqabaman xumuruuf, akkuma kanaan duraa ofitti amanamummaa fi hafuura “Ni dandeenyaan” waliin hojjechuun barbaachisaa dha.#Oromia #Ethiopia