Afrikaanonni Mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu’ummaa haqa qabeessa dhabuun hatattamaan sirreeffamuu qaba – Pirezidaanti Taayyee Atsiqee-Sillaasee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) – Afrikaanonni biliyoona 1.6 ta’an Mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu’ummaa haqa qabeessa dhabuun dhimma hatattamaan sirreeffamuu qabu dha jedhan Pirezidaanti Taayyee Atsiqee-Sillaasee.Walgahiin Waliigalaa 81ffaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Magaalaa Niwuu Yoorkitti gaggeeffamaa jira.Pirezidaanti Taayyeen walgahicha irratti haasaa taasisaniin, Itiyoophiyaan Mootummootni Gamtoomanii yeroo ammaa qormaata addunyaa mudachaa jiru dandeettii fooyya’aan akka furuuf, fooyya’iinsa bu’uuraa akka taasisu cimsitee gaafatti jedhaniiru.Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii walqixxummaa fi haqaa irratti kan hundaa’e fi dhugaa addunyaa jiru kan hubate ta’uun fooyya’uu akka qabu eeraniiru.Afrikaan murteessummaa addunyaarraa yeroo dheeraad loogamtee turuu yaadachiisanii manni maree nageenyaa haaromsa ariifachiisaa geggeessuu akka qaban hubachiisaniiru.Pirezidaanti Taayyeen barbaachisummaa tumsa gam hedduu ilaalchisee ibsa kennaniin, , utubaaleen nageenya waloo guutummaatti osoo hin diigamin, hawaasni addunyaa tarkaanfii murteessaa fudhachuun walitti bu’iinsa ittisuuf ciminaan hojjechuu akka qabu dubbataniiru.Tumsi biyyoota hedduu meeshaa dipilomaasii salphaa qofa osoo hin taane, humna siyaasaa addunyaa dandamachuuf kan dandeessisuu fi gaachana jiraataa walqixxummaa birmaddummaa irratti hundaa’e ta’uu ibsaniiru.Itiyoophiyaan kabaji namummaa namootaa akka eegamu, haqni akka jiraatu fi walitti dhufeenyi cimaa uummattoota bilisaa ta’e akka jiraatuuf, kutannoo seenaqabeessa qabdu cimsitee akka itti fuftu Pirezidaanti Taayyeen ibsuu ENA’n gabaaseera.