Finfinnee, Fulbaana 15, 2019 (FMC) – Gaanfa Afrikaatti walitti makamuu qabeenya dinagdeef boqonnaa guddaa kan bane, Pirojektii tarsiimawaa mootummaan Itiyoophiyaa fi Jibuutii waliin ta’uun ifoomsaniiru.Bu’uura misoomaa seenaa qabeessa kana walta’iinsa Itiyoophiyaa Invastimantii Hooldingi fi Garee Daangooteen waliin hojjeta.Piroojektiin guddaan kun Jibuutii Paarkii Indaastirii Daamarjoogii kaasee karaa Daawaleen Itiyoophiyaa kan walqunnamsiisu yoo ta’u, ujummoo oomisha boba’aa calalamaa dabarsuudha.Invastimantiin kun mootummoonniifi dhaabbileen dhuunfaa Afrikaa wayita waltumsan Afrikaan sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta’uu akka dandeessu kan agarsiisuudha.Sararichi kiiloomeetira 120 kan dheeratu yoo ta’u, bu’uurri misoomaa kun sarara ujummoo dabarsa boba’aan olitti, Invastimantii fi waloon misoomuu Afrikaanootaa bu’ura kan godhate, guddina waaraa, walitti hidhamiinsaa fi diinagdee waloo amansiisaa caalmaatti kan guddisu carraa invastimantii bal’aa kan uumudha.Waggoottan darban karaa sarara daldalaa Itiyoophiyaa fi Jibuutiin boba’aa Boottewwanii geejjibsiifamaa ture.Dabarsa Boba’aa kana gara Ujummootti jijjiiruuf yeroo dheeraaf yaaliiwwan taasifamaa ture qormaatilee adda addaan osoo hin milkaa’in tureera.Sararichi rakkoo fi dhiphina konkolaattota gududdoo daandiiwwan irratti mul’atan, akkasumas gufuuwwan daangaa ce’anii darbuudhaan uumaman furuun, baasii fe’umsaa fi yeroo geejjibaa haalaan ni hir’isa.Deeppoon kuusaa boba’aa Dameerjoogii fi Dawalee kun kuusaa boba’aa tarsiimawaa biyyoota lamaanii cimsuun hanqina raabsaa boba’aa biyya keessaa fi addaan cituu dhiyeessii hir’isuuf gahee olaanaa qaba.Imala daandii dheeraa Bootteewwanii ujummoon bakka buusuun, gadi lakkifama kaarbanii hambisuurra darbee, miidhama daandiiwwanii, akkasumas qisaasama boba’aa akkaan hir’isa.Pirojektichi biyyoonni Afrikaa bu’uuraalee misoomaa ijoo qaban guddina waliinii isaanii mirkaneessuuf wal deeggaruu fi waliin hojjechuu akka qaban agarsiisa.Piroojektiin tumsa biyyoota lamaaniin ijaaramu kun muuxannoo fi dandeettii abbootii qabeenyaa dhuunfaa hedduu qaban waliin walitti kan make, bu’uura misoomaa isa guddaadha.Misoomni bu’uraa kun diriirsa toora ujummoo dabarsa boba’aa ta’uusaan olitti, invastimeentii Afrikaanotaafi waliin misoomuu giddugala godhate, invastimeentii bal’aa, waaraa, hidhata naannawaafi hiree dinagdee waloo caalaatti amansiisaa ta’e ijaaruuf taasifamu ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad sirna ifoomsa piroojektichaarratti ibsanii turan.#Oromia #Ethiopia