Kantiibaa Adaanech Abeebee Ayyaana Masqalaa ilaalchisee ergaa baga geessanii dabarsan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 16, 2019 (FMC) — Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, Ayyaana Masqalaa ilaalchisee ergaa baga geessanii dabarsaniiru.Ergaan Aadde Adaanech Abeebee dabarsan guutuun isaa akka armaan gadiitti dhiyaateera.Baga ayyaana Masqalaa nagaan geessan; nagaan nu ga’e!Ayyaana Masqalaa, ayyaanota uummataa magaalattii miidhagsan keessaa tokko ta’ee fi Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO) biratti hambaa aadaa kiliyaa ta’uun galmaa’een, baga nagaan isin gahe.Ayyaanichi dudha amantii isaa eeggatee, uffata aadaan miidhagee, hawwata tuurizimii ta’uu fi maqaa gaarii biyya keenyaa calaqqisiisuun kabajama.Akkuma baroota darbanii, yeroo ayyaanicha kabajnu, akkuma daamaraa tokkummaan walitti ida’amnee, tumsa, waldeeggarsaa fi jaalalaan akka kabajnu hawwii gaarii koo nan ibsa.Irra deebi’uun Baga Ayyaana Masqalaa nagaan geessan!