Finfinnee, Fulbaana 11, 2019 (FMC) — Gaaffiin Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf kaaste fedhii loojistikii fi geejjibaa qofa osoo hin taane, bu’uura seenaa, seeraa fi diinagdee irratti kan hundaa’eedha.Qorannoo Mootummoota Gamtoomanii (UN) irratti hundaa’uun, biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne biyyoota ulaa galaanaa qaban waliin yoo madaalaman, Omishni Biyyaalessaa Waliigalaa (GDP) isaanii hanga dhibbeentaa 25tti hir’achuu danda’a.Yeroo ammaa daldalli galtee fi ba’umsaa Itiyoophiyaa keessaa dhibbeentaan 95 ta’u karaa buufata galaanaa tokkoon kan raawwatamu yoo ta’u, biyyattiin tajaajila buufata galaanaatiif waggaatti doolaara Ameerikaa biiliyoona hedduu baasaa jirti. Kunis gatii oomishaa olkaasuu qofa osoo hin taane, daldala alaa kan gufachiisu, carraa hojii uumamuu kan daangessuufi jireenya ummataa qaala’iinsa jireenyaatiin kan hammeessudha.Yeroo sirna mootummaa Aksum keessatti turetti tajaajila buufata galaanaa Adulis, akkasumas bulchiinsota duraanii Maassawaa fi Assabii fi ijaarsa humna galaanaa, hariiroo Itiyoophiyaan Galaana Diimaa waliin qabdu kan agarsiisaniidha.Itiyoophiyaan seenaa keessatti ulee galaanaa ishee qabdu karaa seeraan alaa dhabuu ishee hordofee, gaaffiin amma kaaste seerota idil-addunyaa waliin kan walsimuudha.Keessumaa, Labsiiwwan Seera Galaanaa Mootummoota Gamtoomanii, kan mirga biyyoota ulaa galaanaa hin qabne tumu, akkasumas ibsa walga’ii 3ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii biyyoota ulaa galaanaa hin qabne irratti Turkmenistaanitti gaggeeffamee ragga’e keessatti gaaffiin kun eeramuun, gaaffiin kun bu’uura seeraa idil-addunyaa cimaa akka qabu kan mirkaneessuudha.Dabalataanis, gaaffiin Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf kaaste biyya tokko qofaaf kan fayyadu osoo hin taane, misooma waloo, badhaadhinaafi walitti hidhamiinsa diinagdee naannichaa cimsuuf carraa guddaadha.Itiyoophiyaan gaaffii ishee biyyoota ollaa waliin karaa dipilomaasii biyyoota lamaanii fi waltajjiiwwan biyyoota hedduu hirmaachisan irratti, buluura nagaa fi faayidaa waloo irratti hundaa’uun kaasaa jirti.Gaaffiin Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf kaaste kun biyyoota gurguddoo fi dhaabbilee idil-addunyaa dabalatee deeggarsa argateera.Biyyoonni naannichaa qabeenya isaanii waliin misoomsuu, waliin badhaadhuu fi walitti hidhamiinsa isaanii cimsuun uummata isaaniif guddina waaraa fiduu akka danda’an Itiyoophiyaan ni amanti.Itiyoophiyaan waliigalteewwan ulaa galaanaa seera qabeessaa fi nagaa irratti hundaa’anitti fayyadamuuf tattaaffii dipilomaasii ishee cimsuun itti fufti. Kanaafis, lammiileen hundi gahee isaanii bahuu qabu.Abrahaam Abarraatiin