Finfinnee, Fulbaana 13, 2019(FMC)- Barreessaa Olaanaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniiyoo Guutareez Afrikaan Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniitti teessoo dhaabbii akka argattuuf waamicha dhiyeessaniiru. Antooniiyoo Guutareez Yaa’ii waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii 81ffaa Niwuyoorkitti gaggeeffamaa jirurratti haasawa taasisaniin, Afrikaan Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu’ummaa argachuu dhabuun haqa qabeessa akka hin taane ibsan. Mana marichaa biyyoonni waraana addunyaa 2ffaa injifata olaantummaan to’achuu eeruun, Afrikaanonni hundeessitoota dhaabbatichaa ta’an mana marichaatti bakka bu’ummaa akka hin qabne kaasaniiru. Mana Marichaatti Afrikaan kan hirmaattu bakka bu’ummaa yeroon ta’uu eeranii, kunis biyyoota bakka bu’ummaa dhaabbii qaban waliin qixa akka hin murteessine ishee taasiseera jedhan. Afrikaan baay’ina uummataan, dhiibbaa siyaasaan fi diinagdeen guddina olaanaa galmeessistus dhaabbilee idil-addunyaa biyyoonni guddatan hogganan keessatti gahee murteessuu akka dhabde ibsuusaanii “Chaanaal Afrikaan” gabaaseera. Afrikaan Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniitti teessoo dhaabbii fi mirga sagalee kennuu akka qabaattuuf Itiyoophiyaa dabalatee Gamtaa Afrikaafi biyyoonni miseensaa gaafachaa jiru. Gamtaa Afrikaatti bu’uura waliigaltee Eezuulweenii’n (Ezulwini Consensus) Afrikaan Mana Marichaatti yoo xiqqaate teessoowwan dhaabbii 2 fi teessoowwan yeroo 2 qabaachuu akka qabdu Gamtichi murtoo dabarsuun kan yaadatamudha. Miikiyaas Ayyalaan.