Finfinnee, Fulbaana 15, 2019 (FMC) – Ajajoonni Waraanaa Turkii, Saa’ud Arabiyaa fi Paakistaan haala sosochii Finciltoota Huutiiwwaniif deebii kennuun akkaataa danda’amurratti mari’achuuf har’a halkan Riyaaditti walgahuufi.Ajajoonni kunneen murtoo kanarra kan gahan, Ministirri Alaa Saa’udii Faayisal Biin Fahiraan, Gitni isaanii Turkii Hakan Fidaanii fi Itti Aanaan Ministira Muummee Paakistaan Isaaq Daar Yaa’ii Mootummoota Gamtoomanii cinatti wal arguun erga mari’atanii booda jedhame.Jeneraalli Waraanaa Turkii Saalshuuk Baayiraaktaaroogluu fi Ajajaan Waraanaa Paakistiin Fiild Maarshaal Asiim Muuniir har’a halkan kana gara Riyaaditti ni imalu jedhame.Haleellaa finciltoonni Huutiiwwanii Saa’ud Arabiyaarratti raawwataniif marii deebii kennuuf dandeessisuu fi karoora ni baasu jedhamuu Al Jazeera fi BBC’N gabaasaniiru.Haleellaa diroonii magaalaa qulqulluu Saa’ud Arabiyaa Makkaa keessatti raawwatame hordofuun, Saa’ud Arabiyaan mirga ofirraa ittisuu akka qabdu ibsuun, haleellichaaf deebii kennuuf qophii taasisaa turuu eerame.Finciltoonni Huutiiwwanii gama isaaniin, haleellaa Saawud Arabiyaa irratti raawwatan cimsanii itti fufaa akka jiran ibsuun, har’a Bulchiinsa Jizaanitti bu’uuraalee waraanaa Saawud Arabiyaa irratti haleellaa raawwachuu beeksisan.Dubbi-himaan garichaa , Yahiyaa Saareen, haleellaa kanaan kuusaawwan meeshaalee waraanaa Saawud Arabiyaa, akkasumas buufatawwan ajajaa fi to’annoo barbadeessuu dubbatan.Miikiyaas Ayyalaatiin#Oromia #Ethiopia