Finfinnee, Fulbaana 15, 2019 (FMC) – Gorsaan Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee Obbo Geetaachoo Raddaan Barreessaa Ittaanaa ergama Nagaa kabachiisaa Mootummoota Gamtoomanii Jiin Piiyar Laakruuwwa waliin mari’ataniiru.Nageenyaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaarratti tumsaan hojjechuu dhimmoota dandeessisanirratti mari’achuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.Jiin Piyar: Ergama nagaa eegsisuu Itiyoophiyaan raawwattu, keessumaa Sudaan Kibbaa keessatti nagaa buusuuf carraaqqii taasifte dinqisiifataniiru.#Oromia #Ethiopia