Finfinnee, Fulbaana 15, 2019 (FMC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee fi Manni Amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Waloomaa Ayyaana Damaraa Masqalaa akkaataa duudhaa amantichaa eegeen kabajuuf qophii gahaa taasisuu gamaaggamneerra jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.Aadde Adaanech Abeebeen dureewwan mana amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Waloomaa waliin mari’ataniiru.Ayyaanni Damaraa Masqalaa Itiyoophiyaa addunyaatti kan beeksise hambaa biyyaalessaa ta’uu isaan duudhaa amantummaa fi aadaa eegee bakka Turistoonni hedduun argamanitti kan kabajamu waan ta’eef bulchiinsi Magaalichaa fi manni amantichaa milkaa’ina isaaf tumsaan hojjetu jedhan.Ayyaanni ibstuu jaalalaa fi tokkummaa kun Addabaabayii Masqalaa dabalatee iddoolee kuma 2 fi 657tti kan kabajamu ta’uu eeran.Bakka hundatti sirna ho’aa ta’een akka kabajamuuf haalli mijachuu fi qophii gahaan taasifamuu ibsan.#Oromia #Ethiopia