Naannoo Oromiyaatti namootni kumni 300 fi kumni 69 ol tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu argatan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 14, 2019 (FMC) –Sagantaa piroojektii “COWASH IV” jedhamuun jiraattoonni kumni 300 fi kumni 69 tajajila bishaan dhugaatii qulqulluu argataniiru.Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti hojiiwwan sagantaa kanaan hojjetaman daawwatamaniiru.‎Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa, Injinar Araarsoo Abdulaxiif, bara 2018 keessatti pirojektootni bishaanii haaraan 236 ijaaramuufi 59 ammoo suphamuu himaniiru.‎Kana males, manneen barnootaafi dhaabbilee fayyaa 71n tajaajila bishaan dhugaatii akka argatan taasifamuu eeran.‎Fayyaa maatii mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaniin manneen fincaanii kumni 5 fi 540 ijaaramanii hawaasaaf tajaajila kennaa jiraachuu Injinar Araarsoon dubbataniiru.Hojiiwwan kunniin qindoomina Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaafi mootummaa Finlaandiin kan hojjetaman yoo ta’u, hojichi gara fulduraatti cimee itti fufa jedhame.‎Daawwannaa Aanaa Qarsaatti taasifame irratti hogganaa Biiroo Barnoota Oromiiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo, Itti aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa obbo Darajjee Abdannaafi hoggantootni gara garaa argamaniiru.‎‎Samiiraa Mahammadiin‎#Oromia #Ethiopia