Finfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan teeknooloojii hubannoo nam-tolchee fayyadamuun qabeenya tuurizimii misoomsuuf hojjechaa jirti jedhan Ministirri Ministeera Tuurizimii Salaamaawit Kaasaan. Salaamaawit Kaasaa guyyaa tuurizimii addunyaa Fulbaana 17, 2019 kabajamu ilaalchisee ibsa kennaniin, teeknooloojiin hubannoo nam-tolchee fedhii daawwattootaa irratti hundaa’uun odeeffannoo qulqulluufi qindaa’aa qooduun qabeenya tuurizimii beeksisaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaanis teeknooloojii hubannoo nam-tolcheetti fayyadamuun qabeenya tuurizimii ishee haalaan fayyadamuuf hojjechaa akka jirtu kaasanii, ministeerichi guyyaa har’aa Giddugala Odeeffannoo Tuuristii eebbisiisuu dubbataniiru. Giddugalli kunis karaa diijitaalaan odeeffannoo qulqulluu daawwattoota biraan akka gahu ibsaniiru. Dabalataanis marsariitiin ‘Visit Ethiopia’ teeknooloojii hubannoo nam-tolchee akka fayyadamu gochuun tajaajila qindaa’aa akka kennu taasifameera jedhan. Ayyaanota baatii Fulbaanaa keessa kabajaman caalmaatti beeksisuufi misoomsuuf qophiileen garaagaraa taasifamuus eeraniiru. Qiddist Abaateetu gabaase. #Oromia #Ethiopia