Finfinnee, Fulbaana 11, 2019 (FMC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Siwiizarlaandi Giraanti Zyaakaa garicha keessaa dhorkeera.Giraanti Zyaakaan bara Faranjootaa 2022 wayita taphataa Arsenaal ture talaallii Kooviid – 19 fudhadheera jechuun ragaa sobaa dhiyeessuun shakkamee garicha keessaa dhorkamuu ‘The Athletics’ gabaaseera.Dhimmicharratti qorannoon gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Gareen Kubbaa Miilaa biyyattii dursaa garichaa Giraanti Zyaakaa tuuta garichaan ala taasisuu ifoomsera.Zyaakaan taphoota Liigii Saba Awurooppaa yeroo itti aanu taphataman 3 irratti kan hirmaanne ta’uu ibsuun, murtoon kun waliigaltee waloo ta’uu himeera.#Oromia #Ethiopia