TelevizhiniinTigraay tamsaasa irraa dhorkame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 11, 2019 (FMC) — Abaan Taayitaa Miidiyaalee ITiyoophiyaa Televiizyina Tigiraay tamsaasa irraa dhorkuu beeksise.Abbaan taayitichaa ibsa Faanaa Dijiitaaliif ergeen akka ibseetti, waliigaltee nageenyaa Mootummaa Rippabiliika Dimokraatawaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi ABUT gidduutti Piriitoriyaatti taasifame hordofuun, dhorkiin tamsaasaa Televizhinii Tigraay irra kaa’amee ture ka’ee gara hojiitti deebi’ee ture.Haaluma kanaan, Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay waliin marii fi waliigaltee taasiseen, dhorkiin duraan kaa’amee ture akka ka’u taasifamee ture.Abbaan Taayitichaa gaazexeessitootaa fi ogeeyyii dhaabbatichaaf leenjiiwwan ijaarsa nageenyaa fi dandeettii ogummaa cimsan kennuun, miidiyaan kun sarara seeraa fi ogummaa irratti akka deebi’uuf itti fufiinsaan yaalaa tureera.Haa ta’u malee, yeroo dhiyoo as Televizhiniin kun carraa kennameefitti fayyadamee, naamusa ogummaa eeguun tajaajila kennuu osoo qabuu, ergaawwan nageenya biyyaafi uummataa akkasumas faayidaa biyyaalessaa balaadhaaf saaxilan, gara walitti bu’iinsaatti kan geessanii fi jallina cimsan irra deddeebi’uun dabarsaa jiraachuun isaa bu’aa hordoffii fi madaallii qabiyyee miidiyaa taasifameen mirkanaa’eera.Kanaafuu, Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa itti gaafatamummaa seeraan itti kenname irratti hundaa’uun, Televizhinii Tigraay har’a irraa eegalee yeroo hin murtoofneef tamsaasa irraa dhorkuu beeksiseera.Miidiyaan dijitaalaa, miidiyaan tamsaasa sagalee fi suuraa, akkasumas miidiyaan maxxansaa kamiyyuu Televizhinii Tigraayiin akka madda odeeffannootti fayyadamuun yookaan qabiyyee buufatichi karaa seeraan alaa tamsaase kamiyyuu irra deebiin tamsaasuun ykn qooduun dhorkaa ta’uu cimsee akeekkachiiseera.Miidiyaan qajeelfama kana cabsee argame irratti tarkaanfiiwwan seeraa fi bulchiinsaa barbaachisaa kan fudhatu ta’uu Abbaan Taayitichaa hubachiiseera.#Oromia #Ethiopia