Finfinnee, Fulbaana 11, 2019(FMC)- Lammiileen Itiyoophiyaa Sa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 592 gara biyyaa deebi’an jedhe Ministeerri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa. Lammiileen kunneen hundi isaanii dhiirota yoo ta’an kanneen keessaas 34 guddattoota umriin isaanii waggaa 18 gadii ta’uu ibseera. Lammiilee kanneeniif giddugala tursiisaatti deeggarsaafi kunuunsa taasisuun hojiin maatii waliin walitti fiduu hojjetamaa jiraachuus eereera. Fulbaana 5, 2018 irraa eegalee hojii lammiilee Itiyoophiyaa haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaatti deebisuuf hojjetameen hanga ammaatti lammiileen kumni 100 fi kumni 3 ol deebi’uu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.