Finfinnee, Fulbaana 14, 2019(FMC)- Waancaan Hidha haaromsaa Ashaaraa Misoomaa dhalootaati jedhan Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar.Waancaan Hidha Haaromsaa Goodambaa Adwaa keessa kaa’ame. Obbo Aganyawu Tashaagar wayita kana haasawa taasisaniin, har’a waancaa tokko qofa kan keenyu miti; Ashaaraa dhalootaa biyyattii, bu’aa Ida’amuu, dafqa, dhiigaafi imimmaanii lammiilee hundaati jedhan. Waancaan Hidha Haaromsaa tokkummaa lammiilee kan agarsiisu ta’uus kaasaniiru.Waancaan kun naannolee, godinootaafi aanaalee irra yeroo naanna’aa turetti tokkummaa lammiilee mulisuu ibsan. Humna misoomsuu danda’uu keenyaa kan ittiin agarsiisnedhas jedhaniiru. Waancaan kana Goodambaa kaa’uun milkaa’ina dhalootaa dhalootatti dabarsuudha jechuun ibsaniiru. Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.