Finfinnee, Fulbaana 14, 2019 (FMC) — Biyyoota Afrikaa dinagdee guddaa qaban keessaa tokko kan taatee Itiyoophiyaan, humna ishee dameewwan enerjii, loojistiksii fi indaastiriin cimsachaa jirti jedhan hundeessaafi Hojii Raawwachiisaan Olaanaan Garee Daangootee, Aliiko Daangootee, ibsan.Jibuutii Daamargojii fi Itiyoophiyaa Dawwaalee gidduutti sarara dabarsaa boba’aa kiiloo meetira 120 dheeratuufi teerminaala kuusaa liitira miliyoona 400 qabatu ijaaruuf pirojektiin karoorfame ifoomeera.Abbaan qabeenyaa, hundeessaanii fi Hojii Raawwachiisaan Olaanaan Garee Daangootee, Aliiko Daangootee, yeroo kanatti akka ibsanitti, Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa dinagdee guddaa qaban keessaa tokko taatee, humna ishee damee enerjii, loojistiksii fi indaastirii cimsachaa jirti jedhanItiyoophiyaan Afrikaa Bahaa keessatti guddina saffisaa galmeessaa kan jirtu ta’uu ibsuun, fedhiin enerjii, geejjibaa, loojistiksii fi galteewwan indaastirii ishee guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa jiraachuu himaniiru.Gareen Daangootee Itiyoophiyaa keessatti invastimantii bal’aa hojjechaa jiraachuu kan ibsan Daangooteen, Itiyoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti, xaa’oo dabalatee oomishaalee murteessoo biroo alaa galchuu irraa gara gabaa alaa dhiyeessuutti ce’uu akka jalqabdu dubbataniiru.Itiyoophiyaan rakkoo geejjiba konkolaataa fe’umsaa ulfaataa ishee mudatu irraa bilisa ba’uudhaan, sirna dabarsaa boba’aa nageenya qabu, saffisaa fi bu’a qabeessa diriirsuun, pirojekticha fayyadamuudhaan wabii cimaa damee enerjii ishee mirkaneessuu akka dandeessu ibsaniiru.Bu’uurri invastimantii kun rakkoolee loojistiksii Itiyoophiyaa keessatti mul’atan haalaan hir’isuun, to’annoo qulqullina oomishaa fooyyeessuu fi dameewwan ijoo kanneen akka indaastirii, aviyeeshinii, geejjibaa, qonnaa fi ijaarsaa itti fufiinsaan deeggaruuf gahee olaanaa akka qabus ibsameera.Pirojektichi guutummaatti kaappitaala Afrikaa fi injinaroota Afrikaa dargaggootaan kan ijaaramu ta’uu kan ibsan Daangooteen, kunis Afrikaan rakkoolee misoomaa ishee humna ofii isheetiin furuuf dandeettii akka qabdu agarsiistuu guddaa ta’uu ibsuu isaanii ENA’n gabaaseera.#Oromia #Ethiopia