Finfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Qonni Itiyoophiyaa adeemsa oomishaa baratame keessaa bahee imala wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf taasifamu keessatti milkaa’inoota hedduu galmeessisaa jira. Milkaa’inoota damichaan galmaa’an keessaa bara 2015 ifatti kan eegalame Sagantaan Maaddii Guutuu isa tokko. Sagantichi yeroo ammaa fedhii dhiyeessii nyaataa guyya guyyaa guutuurra darbee diinagdee biyyattii deeggaraa jira. Dabalataanis sirna nyaataa cimsuun, dandeettii daldala alaa babal’isuun fi carraa hojii bal’aa uumuun bu’aa guddaa argamsiisaa jira. Sagantichi sanyii beelladootaa fooyyessuu, cuuciiwwan lukkuufi qurxummii raabsuu, nyaata beelladaafi gaagurawwan ammayyaa dhiyeessuu akkasumas tajaajiloota beelladaa fooyya’an kan hammatudha. Haaluma Kanaan hangi oomisha aannanii waggaatti gara liitira biiliyoona 13.1’tti kan guddate yoo ta’u, oomishni hanqaaquu biiliyoona 9.3, oomishni foon lukkuu toonii kuma 100 fi kuma 90 irra gaheera. Kunis sagantaan Maaddii Guutuu galii argamsiisuuf dandeettii olaanaa akka qabu kan agarsiisudha. Oomishni Dammaas akkasuma guddina olaanaa kan agarsiise yoo ta’u, bara baajataa 2018 gara toonii kuma 300 fi kuma 26’tti guddateera. Hojii oomisha qurxummii guddisuuf hojjetamenis bara baajataa 2018’tti tooniin kumni 200 fi kumni 43.8 oomishameera. Sagantaa Maaddii Guutuun waliigala giddugaloonni misoomaa aannanii kumni 15 fi 976, lukkuu kumni 21 fi 400, dammaa kumni 4 fi qurxummii kumni 2 fi 433 hundeeffamaniiru. Sagantaan Maaddii Guutuu Itiyoophiyaan nyaataan akka ofdandeessu gochuurra darbee fakkeenya badhaadhinaa Afrikaa akka taatuuf bu’uura kaa’aa jira. Soosinnaa Alamaayyoon.