Finfinnee, Fulbaana 14, 2019 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa hojiif Jibuutiitti argamu.Pireezidaantiin Jibuutii Ismaa’eel Oomaar Giilleen Dooktar Abiy Ahimadiif simannaa kabajaa taasisaniiru.Imaammanni Alaa Itiyoophiyaa kallattii ifa qaba.Walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuu fi biyyoota ollaaf dursa kan kennuudha.Kunis fedhii Itiyoophiyaan nageenyaa naannawaa mirkaneessuu fi fayyadamumaa waloo giddisuuf qabduurraa kan maddeedha.Itiyoophiyaa fi Jibuutiin daangaa qofa waliin hin qoodatan.Aadaa, afaanii fi eenyummaa waloo qabu.Akkasumas damee daldalaa fi Geejjibaa dabalatee sosochii guyyaa guyyaa keessatti hariiroo cimaa qabu.Afaan bira darbee, aadaa waliinii, eenyummaa wal fakkaataa fi yaad-rimeewwan sammuu walitti dhiyaatan ummata biyyoota lamaanii keessatti mul’atu.Kunis waliigaltee waraqaarratti qofa hin dhaabbanne walitti hidhamiinsa uumamaati.Walitti dhufeenyi ummataa fi ummataa kun hariiroo dippiloomaasii mootummaa fi mootummaa caalaa itti fufaa fi cimaadha.Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad wayita Jibuutii dhaqan kan haaromsan hariiroo daldalaa qofaa miti, walitti dhufeenya ummataa fi ummataa biyyoota lamaaniiti.Wayita naannawichatti rakkoon nageenyaa babal’achaa dhufetti, Itiyoophiyaan hariiroo biyyoota ollaa ishee waliin qabdu cimsattee itti fufsiisuun filannoo tasaa miti.Ergaa ifaa qaba. Mootummaaan Ida’amuu carraa gara fuulduraa naannawichaa walitti bu’iinsarraa tumsa, walqoqoodurraa walitti dhufeenyaa babal’isuuf murannoo qabaachuu isaa agarsiisa.Afawarqi Iyyaayyuutiin#Oromia #Ethiopia