Mikeel Arteettaan waliigaltee Arsenaal waliin qabu haaromsuuf waliigale

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC)- Leenjisaan kilaba Kaaba Landan Mikeel Arteettaan Arseenaal waliin waliigaltee fooyya’e haaraa mallatteessuuf waliigale. Leenjisaan lammii Ispeen Mikeel Arteettaan waliigalteen kontiraataa Arsenaal waliin qabu dhuma bara dorgommii kana kan xumuramu yoo ta’u, turtii waggoota itti aananiif kilabicha waliin taasisuuf mariin gaggeeffamaa tureera. Waliigaltee haaraan kun turtii hagamii akka qabaatu hin ibsamne. Waliigalticha hordofee miindaan Arteettaa daballii olaanaa kan argamsiisu yoo ta’u, Arteettaan, waggaatti pawoondii miiliyoona 10 kan argatu leenjisichi waliigaltee haaraan daballii pawoondii miiliyoona 5 qabaachuun eerameera. Arteettaan waa’ee waliigaltichaa wayita dubbatan, deeggartonni Arsenaal fuulduraaf dhiphachu akka hin qabneefi inni Arseenaal waliin turuu akka fedhu ibseera. Arteettaan Arsenaal waliin waliigaltee isaa dheeressuun pirojeektii yeroo dheeraa kilabichi isaa waliin eegale itti fufsiisuuf fedhii qabu kan agarsiisuu ta’uu BBC’n gabaaseera. Abeel Niwaayiin.