Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee Hoggantoota Fandii Misooma Qonnaa Idil Addunyaa(IFAD) Waliin Mari’atan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 16, 2019 (FMC) — Pirezidaantiin Taayyee Atsqasillaasee hoggantoota Fandii Misooma Qonnaa Idil-Addunyaa (IFAD) waliin mari’ataniiru.Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaaseen marii isaaniin, Itiyoophiyaan damee qonnaa hunda hammataa fi guddina waaraa giddugaleessa gochuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.Itiyoophiyaan gumaacha maallqaa IFAD-14 f kennitu dachaa 10n guddisuun, doolaara Ameerikaa kuma 100 irraa gara doolaara Ameerikaa miliyoona 1tti olkaasuu ibsaniiru.Pirezidaantichi, Itiyoophiyaan tumsa gama jijjiirama baadiyyaa fi misooma qonnaan dhaabbaticha waliin qabdu caalaatti cimsuu akka barbaadduus ibsaniiru.#Oromia #Ethiopia