Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamsgeen Xurunaa Ayyaana Masqalaa ilaalchisuun Ergaa Baga Geessanii Dabarsan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 16, 2019 (FMC) – Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamsgeen Xurunaa Ayyaana Masqalaa ilaalchisee ergaa baga geessanii dabarsaniiru.Ergaan obbo Tamsgeen Xurunaa dabarsan guutummaatti akka itti aanutti dhiyaateera:Baga Ifa Masqalaa geessan!Ayyaanni Masqalaa ayyaana Fannoon bakka waggoota 300f dhokatee ture ittiin ba’ee dha.Ayyaana misiraachoo guddaan itti himamee fi ifni guddaan itti mul’atee dha.Badii namoonni barppta keessatti yeroo tokko balleessaan, namoonni quuqamoon yeroo biraa mul’atan ykn ka’an sirreessaniiru; akkuma nuti Ulaa Galaanaa sirreessuuf hojjechaa jirru.Jalqaba ji’a duraa irratti kan kabajamu ayyaanni Masqalaa, humna ida’amuu agarsiisa. Gama tokkoon, xomborswwan ykn daamotiin walitti ida’amuun Daamaraa ijaaru.Gama biraatiin immoo, Itiyoophiyaanonnin guutuu biyyattiitti bifa walfakkaatuun, guyyaa fi adeemsa walfakkaatuun, akkaataa aadaa isaaniitti ayyaanicha kabaju.Barri 2019, rakkinni fi qormaanni Itiyoophiyaa dursee ba’uu jalqabe guutummaatti kan itti ba’uu fi eebbi badhaadhinaa mana keenya hunda kan itti galu akka ta’un amana.Ayyaana Damaraa fi Masqalaa gaarii!