Hojiiwwan Nageenya Bishaanii Mirkaneessan Xiyyeeffannoon Hojjetamaa Jiru

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 12, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa fi bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa’aa ta’e irratti xiyyeeffachuun, nageenya bishaanii mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan tarsiimawa’oo fudhachuun saffisaan hojjechaa jirti.Hoogganaan Giddugala Guddina Qabeenya Bishaanii Afrikaa Piroofeesar Fallaqee Zawugee akka jedhanitti, nageenya bishaanii mirkaneessuuf biyyoonni qindoominaan hojjechuu qabu.Afrikaatti nageenyi bishaanii jijjiirama qilleensaa, dabala baay’ina uummataa fi hanqina bu’uuraalee misoomaa irraa kan ka’e qormaata keessa jiraachuu kaasuun, kana furuufis keessumaa saayinsii fi imaammata haala sirrii ta’een walitti hidhuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii bal’aa qabaattus, qabeenyicha sirnaan fayyadamuuf caalaatti hojjechuun akka barbaachisu eeranii, nageenya bishaanii nageenya midhaanii fi nageenya anniisaan walitti hidhuun hojjechuu akka gaafatu hubachiisaniiru.Gorsaan Olaanaan Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Mikaa’el Mahaarii gama isaaniin, bishaanota hidhawwan keessatti kuufaman misooma jallisii, madda humna ibsaa, dhugaatii fi tajaajiloota biroof oolchuun fayyadamummaa uummataa guddisuuf akka dandeessisu ibsaniiru.Yeroo ammaa baajanni pirojektoota jallisiif ramadamu waggoota 10 dura ramadamaa tureen wal bira qabamee yoo ilaalamu dachaa hedduun guddachuu ibsuun, kunis hojiiwwan jallisii hedduu fi hidhaalee kuusaa bishaanii ijaaruuf akka dandeessisaa jiru eeraniiru.Itti Aanaan Pireezidaantii Yunivarsiitii Finfinnee Dooktar Waraash Geetaanah gama isaaniin, qorannoon yunivarsiitiiwwan damee bishaanii irratti gaggeessan imaammata qopheessuu keessatti dhiibbaa qabatamaa uumuu akka qabu ibsaniiru.Imaammata ragaa fi odeeffannoo irratti hundaa’e qopheessuuf yunivarsiitiiwwan dhaabbilee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuu akka qabanis ibsaniiru.Nageenyi bishaanii jiraachuu qabeenya bishaanii qofa osoo hin taane, qabeenyicha sirnaan kuusuu, bulchuu fi kaayyoo misoomaa adda addaatiif itti fayyadamuuf dandeettii qabaachuu kan dabalatu ta’uu kaasuun, bu’uuraalee misoomaa adda addaa babal’isuun hojiiwwan eegumsa naannoo waliin walitti qindeessuun nageenya bishaanii eeguu akka barbaachisu ibsaniiru.Yoonaas Geetinnatiin#Oromia #Ethiopia