Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Masqalaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 16, 2019(FMC) – Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana masqalaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, ayyaanichi karaa dudhaa amantii fi aadaa ergeen guutummaa Itiyoophiyaatti ayyaana kabajamu ta’uu ibsaniiru.Ayyaanni kun maatiin kan itti wal argu, ollaan kan ittiin walitti qabamee gammadu, magaallii fi naannawwan isaa addabaabaayii tokkootti kan ittiin ba’u ta’uus kaasan.Muka walitti qabuurraa hanga Damaraatti walitti qabamni jirus fakkeenya humna ida’amuu agrsiisuu dha jedhan.Ayyaanichi wayita kabajamu hundas humnootaa fi dandeettiiwwan Itiyoophiyaa walittiqabuu fi walitti ida’uun humna biyyaalessaa cimaa uumuuf tattaafachuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.Ayyaanichi ayyaana gaarii akka ta’u carraa kanaan nan hawwa, Uumaan Itiyoophiyaa haa eebbisu jechuunis hawwii gaarii qaban dabarsaniiru.#Oromia #Ethiopia