Mallattoo Cichoominaa fi Gootummaa; Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 13, 2019 (FMC) — Daangaan biyyaa yeroo sarbamu, nageenyi fi jireenyi ummataa yeroo shira diinaatiin qormaata keessa galu, humni guddaan adda durummaan laphee isaa kennee, dhiiga isaa dhangalaasuu fi lubbuu isaa wareeguun biyya dhaabu Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaati.Gatiin Raayyaan Ittisa Biyyaa kaffalu faayidaa dhuunfaa ykn kabaja yeroo muraasaaf osoo hin taane, jireenya waaraa Itiyoophiyaa fi bilisummaa uummata isheetiif.Yeroo adda addaatti diinota keessaa fi alaa birmaddummaa biyya Itiyoophiyaa sarbuuf ka’an shira isaanii fashaleessuun, biyyi yeroo rakkoo keessa seentu cimsee ceesisuun ogummaa fi aadaa dhaabbata kanaa ta’ee mul’ateera.Raayyaan Ittisa Biyyaa gaachana biyyaalessaa, eegduu nageenyaa fi mallattoo tokkummaa sabaa fi sablammoota Itiyoophiyaati.Michoota isaatiif eegduu kan ta’eefi diinota isaatiif ammoo kan hin jilbeenfanne , Itiyoophiyaan birmaddummaa fi bilisummaa isheetiin jabaattee akka dhaabbattu godheera.Ergamni Raayyaa Ittisa Biyyaa dirree waraanaa irratti loluu qofaan kan daangeffame miti. Yeroo balaan uumamaa fi nam-tolchee mudatutti uummata cina dhaabbachuun, lubbuu lammiilee baraaruu fi hojiiwwan misoomaa deeggaruun, tumsa uummataaf qabu agarsiiseera.Teeknooloojii fi dandeettiiwwan waraanaa yeroo ammaa jiran hidhachuun, yeroo yerootti of haaromsaa deemuun, raayyaa ammayyaa leenjii fi gurmaa’ina gahaa qabu ta’eera.Ergama biyya keessaa qofa osoo hin taane, dirreewwan hojii nageenya kabachiisuu 2idil-addunyaa irratti sadarkaa naamusaa fi dandeettii olaanaa agarsiisuun, maqaa Itiyoophiyaa karaa gaariin beeksisaa tureera.Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa gaachana cimaa biyya isaaf amanamaa, uummata isaatiif ammoo michuu ta’ee dhaabbate dha. Abbaan seenaa , waardiyyaan har’aa fi wabiin nageenyaa egeree, Raayyaan Ittisa Biyyaa, biyya eeguufi jabeessuu irratti gahee seena-qabeessa irraa eegamu ciminaan bahachuu itti fufa.Immabeet Sisaayiin #OROMIA #ETHIOPIA