Akkuma Damaraa waliin yoo dhaabbanne biyya keenyaaf ifa dukkana mo’u taana- Aadde Adaanech Abeebee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 16, 2019(FMC)- Akkuma Damaraa waliin yoo dhaabbanne biyya keenyaaf ifa dukkana mo’u taana jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.Sirni kabaja Damaraa Masqalaa magaalaa Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti haala ho’aa ta’een gaggeeffamaa jira.Aadde Adaanech Abeebeen ergaa sirnicharratti dabarsaniin, magaalaan keenya Finfinneen yeroo dhiyoo asitti giddugala hawwata addunyaa, fakkeenya qulqullinaa akkasumas jijjiirama magaalaa yeroo gabaabaa keessatti gaggeeffamee taateetti jedhan.Magaalichatti ayyaanota gurguddoo akka Masqalaa wayita kabajnu ayyaanicharra darbee maqaa gaarii biyya keenyaa ijaaraa, aadaa keessummaa simachuu keenya mul’isaa jirra jechuun eeraniiru.Dandeettiin magaalaa keenyaa taateewwan biyyaalessaafi idil-addunyaa gurguddoo akkasumas ayyaanota hogganuufi keessummeessuu sadarkaa olaanaan guddachaa dhufeera jedhaniiru.Kunis kan ta’e magaalaa keenya waliin waan ijaarreef yeroodhaa gara yerootti hawwattummaan ishee akka dabalu gochuu dandeenyeerra jechuun ibsaniiru.Aadaa, Afaan, Amantaa akkasumas eenyummaa garaagaraa qabaannus akkuma Damaraa waliin yoo dhaabbanne harka wal qabannee yoo tarkaanfanneefi walooma keenya yoo cimsine magaalaa keenyaafis ta’e biyya keenyaaf ifa injifataa taana jedhaniiru.