Finfinnee, Fulbaana 16, 2019(FMC)- Wantoota tokummaa keenyaaf gufuu ta’an fageessanii yaaduun irra darbuun nageenya biyyaaf cimnee hojjechuu qabna jedhan Paatiriyaarkiin Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa Itiyoophiyaa eebbifamoo Abune Maatiyaas. Sirni kabaja Damaraa Masqalaa magaalaa Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti haala ho’aa ta’een gaggeeffamaa jira. Abune Maatiyaas wayita kana ergaa dabarsaniin, ergaan guddaan Masqalaa nageenyaafi tokkummaa, dhiifamaafi araara akkasumas jaalalaa fi waliigaltee dhala namaa hundaaf fiduudha jedhan. irna kanarratti Paatiriyaarkii Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa Itiyoophiyaa eebbifamoo Abunee Maatiyaas, abbootiin amantaa, Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeefi hoggantoonni mootummaa olaanoo biroon argamaniiru. Dabalataanis Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa, dippiloomaatonni, daawwattoonni biyyoota alaa, hordoftoonni amantichaafi kutaaleen hawaasaa garaagaraa argamaniiru.