Itiyoophiyaa badhaate ijaaruuf yeroon akka xomboraa wal qabannee kaanu amma- Aadde Shawiit Shaankaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 16, 2019(FMC)- Itiyoophiyaa badhaate ijaaruuf yeroon akka xomboraa wal qabannee kaanu amma jedhan Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii aadde Shawiit Shaankaa.  Sirni kabaja Damaraa Masqalaa magaalaa Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti haala ho’aa ta’een gaggeeffamaa jira. Aadde Shawiit Shaankaa wayita kana ergaa dabarsaniin, Damaraan Masqalaa ayyaana dirree bifa Itiyoophiyaa agarsiisudha jedhan. Tokkummaa sabdaneessaafi walooma Itiyoophiyaa cimsuun miidhagina aadaa keenyaa kan itti calaqqisiisnu akkasumas hariiroo hawaasummaafi tokkummaa biyyaalessaa kan ittiin cimsinu ayyaana guddaadha jedhan. Itiyoophiyaan waggoottan darban keessa qormaatilee hedduu injifannoon keessa darbuun dameewwan misoomaa garaagaraa keessatti milkaa’inoota galmeessisuu eeranii, milkaa’inoonni kunneen kan galmaa’an hojii cimaa hojjetameen fi tattaaffii waloo fi tumsa uummataan ta’uu ibsaniiru. Tigist Gizaachootu gabaase.