Finfinnee, Waxabajjii 15, 2018 (FMC)-Ittaanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaan Hojjettoota Waajjira Ministira Muummee waliin ta’uun biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Pirojeektii Caakkaatti dhaabaniiru.Obbo Tamasgeen Xurunaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Sagantaan Ashaaraa magariisaa irree gamtoomee fi yaadama ida’amuuf ragaadha jedhan.Sagantichi akka biyyaatti miidhaginaa fi dandeettii diinagdee ni ta’a jennee karoorsinee kan hojjenne bu’aa argamsiisee mul’achaa jira jedhan.Misoomni Ashaaraa Magariisaa imala diinagdee magariisaa , faayidaa diinagdee fi eegumsa naannoo irra darbee dippiloomaasii idil addunyaan kabajaa fi dhaga’amtummaa biyyattii gonfachiisedha.Milkaa’inni xiyyeeffannoo hawaasa idil addunyaa hawwate kun Yaa’ii Qabeenya qilleensaa (COP32 ) keessummeessuuf tattaaffii taasifamuuf dippiloomaasii cimaaf bu’ura amansiisaa kan kaa’udha jedhan.Bara kana mata duree “ Abdii haa Dhaabnu “ jedhuun Biqiltuuwwan Biiliyoona 8 ol dhaabuuf galma qabanne milkeessuuf gamtaan haa dhaabnu haa kunuunsinu jedhaniiru.