Dhaabbanni cimaan rakkoolee naannawaaf deebii hatattamaa kennu ijaarameera- Jeneraal Yimar Mokonnin

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2018 (FMC)- Dhaabbanni cimaan amala jijijjiiramaa waraanaa idil-addunyaa hubachuun rakkoolee naannawaaf deebii hatattamaa kennu ijaarameera jedhan Hogganaan Qajeelcha Olaanaa Barnootaafi Leenjii Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Yimar Mokonnin.Kolleejjiin Biyyaalessaa Raayyaa Ittisaa guyyaa har’aa Konfiransii waggaa nageenya biyyaalessaa gaggeesseera.Jeneraal Yimar Mokonnin wayita kana haalli nageenyaa idil-addunyaa jijijjiiramaan rakkoolee hedduu tilmaamuun ulfaatu qaqabsiisaa jira jedhan.Faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf dhaabbilee ciccimoon fi biyya ijaaruun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.Nageenyi biyya tokkoo karaa guutuu ta’een mirkanaa’uu kan danda’u kallattii furmaataa yaaddoowwan idil-addunyaafi naannawaa bu’uura godhate maddisiisuun yoo danda’ame qofa akka ta’e kaasanii, mariiwwan Kolleejjiin Biyyaalessaa Raayyaa Ittisaa yeroo yeroon qopheessu kenniinsa murtoo qaama olaanuuf mijatoodha jedhan.Faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf rakkoolee keessoo maqsuu fi saaxilamummaa alaa irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.Kana raawwachiisuuf raayyaan ittisaa qophii gama maraa taasisuu ibsuusaanii Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.#Oromia #Ethiopia