Finfinnee,Waxabajjii 19, 2018 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 37ffaan Nageellee Arsii Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa injifate.Nageellee Arsiin galchii Barakat Waldeen daqiiqaa 43ffaarratti rukkuttaa adabbii fi Habiib Kamaal daqiiqaa 86ffaarratti taphaan lakkoofsisaniin Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa 2 fi 0’n injifateera.Kana hordofee Nageellee Arsiin carraa sadarkaa 2ffaan xumuruuf qabu bal’ifateera.Nageellee Arsiin qabxii 60’n sadarkaa 2ffaa, Machaal qabxii 56’n sadarkaa 3ffaa fi Faasiil qabxii 52’n sadarkaa 4ffaarra jiru.Nageelleen sadarkaa 2ffaan kan xumuru yoo ta’e waancaa Konfedereeshinii Afrikaarratti hirmaata.Aarbaa Minci gara Liigii Olaanaatti bu’uun isaa kan mirkanaa’e yoo ta’u Maqalee 70 Indaartaa fi Dirre Dhaawaan gara gadiitti bu’uuf sarara gadii keessa jiru.Siifan Magarsaartiin#Oromia #Ethiopia