Finfinnee,Waxabajjii 20, 2018 (FMC) – Taphoonni ramaddii Waancaa Addunyaa marsaan xumuraa har’as itti fufuun ni taphamu.Halkan sa’atii 6:00 jalqabee Kirooshiyaan Gaanaa waliin, Panaamaan ammoo Ingilaandi waliin taphatu.Ramaddii kana irraa Ingilaandii fi Gaanaan qabxii 4 wal qixa qabu. Kirooshiyaan qabxii 3 qabdi.Halkan sa’atii 8:30 eegalee Kolombiyaan Poorchugaal waliin, Koongoon ammoo Uzbeekistaan waliin taphatu.Ganama barii sa’atii 11:00 jalqabee ammoo Aljeeriyaan Ostitiriyaa waliin, Joordaan ammoo Arjentiinaa waliin taphatu.