Finfinnee, Waxabajjii 20, 2018 (FMC)- Yuunivarsiitiin Jimmaa barattoota ogumaalee garaagaraan barsiisaa ture kuma 2 fi 973 eebbisisaa jira.Sagantaa eebbicharratti Walitti Qabduun Boordii Yuunivarsiitichaa fi Itti Gaafatamtuun Waajjira Ministira Muummee fi Ministirri Dhimmoota Kaabinee Aadde Alematsahaay Phawuloos, Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Doktaar Jamaal Abbaa Fiixaa , hoggantoonni olaanoo Yuunivarsiitichaa, keessummoonnii fi barattoonni akaksumas maatiin barattoota argamaniiru.Yuunivarsitichi Barattoota kuma 2 fi 973 ,digrii jalqabaa, digrii 2ffaa fi digrii 3ffaan eebbisiiseera.Aadde Alemtsahaay phaawuloos ergaa dabarsaniin, daandiin isiin irra dhuftan bu’aa ba’iin kan itti baay’ate ta’uus, kaayyo keessanif dhaabbattani har’a gahuun keessan boiri keessanif ka’uumsa ta’uu hubachun ergama biyyi keessan isinitti kennite bahaachuuf tarkaanfii jalqaba har’aa jalqabuu qabdu jedhan.Na’imaa sheekalifaatu gabaase.