Finfinneetti barattoota qormaata kutaa 8ffaa fudhatan keessaa % 95.85 gara kutaa 9ffaatti darban

Wait 5 sec.

Finfinnee,Waxabajjii 22, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti barattoota qormaata Sadarkaa Magaalaa kutaa 8ffaa fudhatan Kuma 85 fi 737 keessaa % 95.85 gara kutaa itti aanuutti darbaniiru.Hogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dooktar Zalaalam Mulaatuun bu’aa qormaata kutaa 8ffaa ifoomsaniiru.Barattoota qormaaticha fudhatan keessaa % 95.85 gara kutaa 9ffaatti darbuu himan.Barattoota qormaata kutaa 8ffaa fudhatan Kuma 85 fi 737 keessaa barattootni Kuma 82 fi 193 % 50 fi isaa ol fiduun darbuu eeran.Barattoontni 60’n qabxii 93.5 ol yoo fidan barattootni 131 ammoo 90 ol galmeessuu Dooktar Zalaalam dubbataniiru.Manneen barnootaa 669 qormaaticha qorsiisan keessaa manneen barnootaa 441 guutummaatti (100%) barattoota isaanii gara kutaa itti aanuutti dabarsuu ragaan Biiroo Barnootaa Magaalichaarraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia